Yunaayitid Isteetis fi Raashiyaan Hidhamtoota Wal-jijjiiruu Ilaalchisee Waliin Dubbachuuf Jiran

  • VOA

FAAYILII -Kan mana hidhaa Raashiyaa keessa jiran lammiiwwan Ameerikaa Pool Weelaanii fi Britinii Graayiner Paul Whelan

Akkaata wal jijjirraa hidhamtootaa irratti US Raashaadhaaf yaadaa dhiheesuu ishee ilaalchisee odeefannoon bahee akka jedhutti, US lammmile ishee Raashaa keessatti hidhamanii jiran Taphattuu Kubbaa kaachoo dubartootaa Biritinii Graayiner fi basasummaadhaan shakkamee mana hidhaa Raashaa keessaa kan jiru Pool Wehilaan , lammii Raashaa yakka daldala meeshaa warranatiin shakkmee bara 2018 erga qabamee boodaa hidhaan wagga 20 itti murtaa’ee mana hidhaa US keessa jiru Viiktoor Bo’utn wal jijjiruu barbaaddi.

Ministirrii dhimma alla US Antoonii Bilinken dhimma kanna irratti gita isaanii Ministirii dhimma alaa Raashaa Sergey Laavaroovii waliin haasa’uudhaaf karoorfachuu isaanii yemmuu ibsan akkana jedhanii jiru.

Eerga wal waransii jalqabamee as yeroo jalqabaatiif ministira dhimmaa alaa Raashaa Sargee Laavaroovii waliin guyyottan dhufan keessatii haasa’uf eegaan jira.waan nuuf dursa qabeessaa ta’e kaasuuf karoorfadheen jira. Amerikaanonni dogoggoraan hidhaman Paul Whelan fi Brittney Griner hiikamanii manatti deebi’uun eeyyamamuufii qaba. Akkataa hiikamuu isaani mijeessuu irratti torbanootan duraa yaadaa dhiheesine jirra. Yaadichaa irratti mootummaan keenyaa irra deddebiidhaa fi kallattiidhaan quunamtii taasiseera. An dhuunfadhaan marichaa ittin fufa.furmaataa irra ni geenyaa jedheen abdi qaba.

Britinii Giraayner yemuu magaalaa Mooskoo seentu Zayitiin baala sammuu namaa adoochuu irra hojjatamee harkatti qabameeraa jedhametee Ji’ottan Shanan darbaniif mana hidhaa Raashaa keessatti jargamti. Himanna ishee irratti dhihaateen yoo yaakkamtuu taatee argamtee hidhaa wagga 10n adabamuu akka dandeesuu gabasaameera.