Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayidenii fi giti isaanii kan Chaayinaa Xi Jinping kamisa kaleessaa ganama daawwannaa Taayiwaan akka geggeessamu kan afaan yaa’iin mootummaa Yunaayitid Isteetis Naansii Peloosii dhiyeessan fi kan dubbi himaan ministrii haajaa alaa Chaayinaa Zaahoo Lijiyaan “tarkaanfiin humnaa” akka fudhatamu akeekkachiisanii fi muddama uume ilaalchisuun marii bal’aa geggeessanii jiran.
Angawaa gameessi bulchiinsaa tokko booda gaazexeessitootaaf akka himanitti, hoggantoonni lamaan ''kallattiin wal arguun gatii inni qabu irrattis mari'ataniiru, gareen isaaniis yeroo itti wal arganiif irratti walii galame akka hordofan gaafataniiru jedhan.
Waayit Haawus marii sa’aatii lamaaf gaggeeffame kanaan booda Yunaayitid Isteetis imaammata Taayiwaaniin ilaalchisee qabdu hin jijjiirre jechuu dhaan, Yunaayitid Isteetis tattaaffii gam tokkoo haala jiru jijjiiruf nagaa fi tasgabbii Taayiwaan tuffachuu isa jedhu cimstee mormiti jedhee jira. Kun erga Baayiden bara 2021 aangoo qabatanii as angawoota lamaan gidduutti marii taasisame isa shanaffaa dha.