Jilli Addaa Yunaayitid Isteetis, Ka Gaanfa Afrikaa Itiyoophiyaatti Aangawoota Mootummaa fi Hoogganoota Mormitootaa Dubbisan  

FAAYILII - Imbaasii Ameerikaa, FInfinnee

Jilli addaa Yunaayitid Isteetis ka Gaanfa Afrikaa, Ambaasaaddar Maayik Hamer Itiyoophiyaatti nagaa fi tasgabbiin akka dhufuuf aangawoota mootummaa biyyattii, hoogganoota paartiilee mormitootaa fi hooggnoota waldaalee siivikii waliin mari’achuu isaanii Embaasiin Ameerikaa ibsa baaseen beeksisee jira.

Gama Mootummaa Itiyoophiyaatii itti-aanaa muummicha-ministaraa fi ministara dhimma alaa – Obbo Dammaqee Mokonnin waliin kan mar’atan, jilli addaa Yunaayitid Iteetis, hoogganoota paartiilee momitootaa isaan dubbisan keessaa lama – haayyu-duree ABO – Obbo Daawud Ibsaa fi dura-taa’aa KFO – Proofeesar Mararaa Guddinaa tahuun beekamee jira.

Waa’ee marii kanaa Preoofesar Mararaa fi itti-gaafatamaa sab-quunnamtii ABO – Obbo Lammii Gammachuu dubbisuun, Tsayaay Daamxoo gabaasaa qindeessite qabdi.

Your browser doesn’t support HTML5

Jilli Addaa Yunaayitid Isteetis, Ka Gaanfa Afrikaa Itiyoophiyaatti Aangawoota Mootummaa fi Hoogganoota Mormitootaa Dubbisan