Aangawoonni Keniyaa Feesbuukii Ugguran Ka Jedhame Haalan  

  • VOA

FAAYILII - Namoota Feesbuukii fayyadamaa jiran, Keenuyaa, Ebla 2, 2022

Filannoo Keniyaa isa Hagayya 9 bara 2022 taasifamuuf deemuun wal qabatee dhaabbanii Miidiyaa hawaasaa Fees buuk jechootaa jibba irratti hundaa’an waan dabarsaa jiruuf , amma filannichii raawwatutti uguramuu qaba jechuudhaan dhabbanni mootummaa walti bu’insa lammiiwan biyyatti gidduutti taasifamu too’achuudhaaf dhaabate, Komishiiniin biyyalesaa Tokkumaa fi Qindoominaa keniyaa yaada dhiheesse akka hin fudhannee haanga’onni Mootummaa keeniyaa ibsanii jiru.

Barreesaan kaabinee dhimma biyya keessaa Fred Matiyaangii yaadaa komishiinichii kenne irratti komii qaban himanii mootummaan Feesbuukii uguramuuf fedhii akka hin qabne ibsuu isaanii gabaasnii Viktooriyaa Amungaa Nayiroobii irraa VOA dhaaf qindeesitee ibsee jira.

Akka gabbasni kun dabalee jedhetti Ministirrii Odeeffannoo fi Tekinolojii mootummaa keniyaa Jeo Mucheeru gama isaaniitin , dhimmichaa irratti yaadoon jirullee ministirrii isaanii Feesbuukii uguruudhaaf akka hin eeyyamne himaniiru.

Torban darbee dhabanni Fees Buuk ibsa baaseen, biyyaa hordoftoonii isaa Miilioonii 13 ta’an keessa jiran Keniyaa keessatti ergaawwan yaadaa jibiinsa of kessaa qaban tokko tokko miliqanii darbuu isaanii akka himan gabasameeraa. Dubbi himaan dhaabataa maatii Feesibuukii Meeta dogoggorri namaa fi meeshaa umamuu isaa ibsanii, ergaalee jibba irratti hunda’ani fi walti bu’insaa jajjabesan irratti tarkaanfii akka fudhatan himuun isaanii gabaasameeraa.

Prezidaantii keniyaa itti aanu ta’uudhaaf Muummeen ministiraa duraanii Raayilaa Odiingaa fi Itti aanaa Prezidaantiin amma Wiliyaam Ruuttoo wal dorgommii irraa jiraachuun isaanii ni beekama.