Hoogganaan Al Shabaab Duraanii Prezidaantii Somaaliyaan Muudaman  

  • VOA

itti aanaa Hogganaa garee Al Shabba duraanii Muktaahar Roobow yeroo filatamu Muumee Ministeeraa Somaliyaa Hamzaa Abdii maddii taa'ee, Moqaadishoo, Somaaliyaa, Hagayya 2, 2022.

Muumeen Ministeeraa biyyaa Somaliyaa Hamzaa Abdii Barree itti aanaa Hogganaa garee Al Shabba duraanii Muktaahar Roobow ykn maqaa qabsoo Abuu Mansuur jedhamuun beekaman Ministiraa gargaarsaa fi amantii taasisanii akka muudaman guyaa har’aa Moqaadishoo keessatti beekisuun isaanii gabasameeraa.

Mudde barra 2018 Bayidoowaa keessatti qabamanii mana hidhaa dhaabbata dhimaa nageenyaa Somaliyaa keessa kan turan Muktaahar Roobow kan mana hidhaatii gad lakisaman guyyaa kaleessa akka ta’e beekameeraa.