Yunaayitid Isteetis: Balaan Shorokeessummaa Hoogganaa al-Qaaidaa Waliin Hin Duune

  • VOA

Suuraa hoogganaa al-Qaayidaa Ayman al-Zawahiri, 'Intelcenter' irraa argame

Afgaanistaan keessatti hogganaa al-Qaayidaa kallattii dhaan U.S.n ajjeefamuun hoggansa garee shororkeessummaa kanaaf rukuttaa ture, garuu dameelee isaa Giddu galeessa bahaa, Afrikaa fi Eeshiyaa keessatti argaman irratti dhiibbaa qabaa? Waayit Haawus balaa shororkeessummaa uumamu kamiyyuu ija isaa irraa akka hin fudhanne kan himu yoo ta’u, qorattoonni shororkeessummaa Yunaayitid Isteetis dammaqiinsaa fi obsa qabaachuu qabdi jedhu. Waayit Haawus haleellaan qiyyaafataan geggeessame hoogganaa al-Qaayidaa Ayman al-Zawahiri ajjeesuu isaa ''amantaa olaanaa'' akka qabu dubbata.

Garuu Waayit Haawus mataa bineensichaa muruun balaa jiru tasgabbeessuu dhiisuu mala jedha.

Itti gaafatamaan quunnamtii tarsiimoo mana maree nageenya biyyoolessaa Joon Kerbii akka jedhanitti, ''Kaaba Afrikaa keessa jiru, Saahel keessa jiru, guutummaa Galeessaa Giddu Bahaa keessa jiru, Yaman keessas jiru. Afgaanistaan irratti akka qiyyaafanne nan beeka. Garuu ija keenya addunyaa irraas hin buqqifnu” jedhan.

Al-Qaayidaan, yeroo jalqabaaf Wiirtuu Daldala Addunyaa bara 1993 haleellaa irratti raawwachuun namoota jaha galaafate. Hanga Fulbaana bara 2001 haleellaa shorokeessummaa geggeessutti garee baayyee hin beekamne ture.