Waldaan Qorannoo Oromoo Dhimma Mirga Hiree-murteeffannaa Irratti Kora Geggeessaa Ture Xumurate   

Your browser doesn’t support HTML5

Waldaan Qorannoo Oromoo Dhimma Mirga Hiree-murteeffannaa Irratti Kora Geggeessaa Ture Xumurate

Waldaan Qorannoo Oromoo yokaan OSA’n kora isaa kan waggaa 36ffaa Adoolessaa 30 fi 31 bara 2022 as magaalaa Waashington Diisii keessa ka jiru galmaa Yunivarsitii Distirikt of Kolombiyaa keessatti gegeessee ture.

Ijoon dubbii marii OSA baraanaa, mirga hiree murteeffafnnaa Oromoo fi saboota Itiyoophiyaa birootti ka fuuleffate yoo tahu, kana jalatti qabxiilee adda addaa ka’an irratti mari’atamaa ture. Dhimma kana irratti Dura-taa’aa Boordii Waldaa Qorannoo Oromoo, Proofeesar Geetahuun Bantii dubbisuun qophii qindaa’e caqasaa.