Ministriin Haajaa Alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bilinken Afriikaa Kibbaa Daawwataa Jiran

  • VOA

Ministrii Dhimma aalaa Antonii Bilinken

Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bilinken imala Afrikaa marsaa jalqabaa geggeessuuf Afrikaa Kibbaa seenanii jiru. Dawwannaan isaanii inni jalqabaa kan nama gaddisiisu ture, sababiin isaas muuziyeemii qabsoo farra Appaartaayidii keessatti yeroo ijoo ta’e kan nama yaadachiisu daawwatan jedha gabaasi Keet Barlett Johannesburg irraa ergame.

Barreessaan Blinken Dilbata kaleess Muuziyeemii fi yaadannoo Hector Pieterson magaalaa Sowetoo jiru kan yeroo tokko pirezidaantii dimokiraatawaa Afrikaa Kibbaa jalqabaa Nelson Maandeellaa keessa jiraatan daawwataniiru.

Muuziyeemiin kun maqaa Hector Pieterson jedhamuun kan moggaafame yoo ta'u, yeroo Fincila Sowetoo bara 1976 irratti rasaasa poolisiin rukutamee kan ajjeefame kan umuriin isaa waggaa 12 ti. Piiterson barattoota Gurraacha afaan Afrikaans, kan afaan warreen cunquraanii ta'ee ilaalamu, manneen barnootaa keessatti fayyadamuu morman keessaa tokko ture.

Suuraan Piiterson, kan barattoota yaaddoo keessa turaniin baatame, addunyaa guutuutti keessatti dambalii rifachiisaa ergee sochii farra Appaartaayidii biyya alaa keessatti taasifamu kakaasuuf gargaareera.

Blinken bakka sanatti daraaraa ennaa kaa’an, daawwannaa isaannii muuziyeemicha irratti obboleettii Piiterson, Antoinette Sithole isaan waliin turan.Blinken daawwannaa isaanii booda sabaa himaaleef ibsa kennaniin, falmii walqixxummaa sanyii Ameerikaan ofii ishee gootu eeranii jiru.

Seenaan Heektaar qabsoo bilisummaa fi walqixxummaa kan ofii keenyaa Yunaayitid Isteetis keessatti waan qabnuuf, dhuguma kan sagalee dhageessisu dha. Akkasumas seenaan Afrikaa Kibbaa adda ta’us wanti walfakkaatu baay’ee dha, sun immoo humnaan sagalee dhageessisa jedhan.