Mootummaan Naannoo Benishaangul Gumuz keessatti rakkoo nageenyaa waggoota lamaan darban mudateen wal-qabatee mancaatii dhaqqabee fi deebisanii bayyanachiisuuf qabeenya barbaachisurratti qorannoon geggeessame, ba’iin sadarkaa duraa ifa tahuu hoogganni naannichaa beeksisee jira.
Itti gaafatamaan Waajjira Hooggansa Sodaa Balaa Naannoo Benishaangul Gumuz obbo Taarraqany Taasisaa, ba’ii wixinee qorannoo kana irraa akka hubatametti namootni kuma 475 ol qe’ee ofiirraa buqqaasamuuunii fi kanneen keessaa kuma 200 ol deebisamuun beekamee jira.
“Kana maleen manneen namoota dhuunfaa kuma 42 ol, manneen barnootaa 200 olii fi manneen fi qabeenyaa dhaabbata fayyaa 189 ol manca’uu ba’iin gabaasaa kanaa agarsiisee jira,” jedhan, Obbo Taarraqanyi.