Lammileen keniyaa qibXata kaleessaa prezidaantii biyyatti itti aanuu filachuudhaaf sagalee kennaa olaan guyyaa har’aa yemuu sagaleen lakkawamaa jiruuti bu’ii filaniichaa eegachaa akka jiran gabasamaa jira. Filaannoon Prezidantummaa bara kanaa isa kanaan duraatiin wal bira qabamee Yemmuu ilaalamuu tasgabbaawaa akka ta’e gabasaaleen ibsan, lakkoofsii namoottan sagalee kennuudhaaf bahanii isaa duraa irraa gadi bu’aa ta’uu isaa himaniiru.
Filannoo barana irratti lammileen keniyaa Miiliyoonii 13.2 ta’an sagaalee keenuu isaanii kan ibsee komishiiniin filannoo biyyatti, kuniis namoottan filachuudhaaf galammaawan keessaa dhibentaa 60 ta’uu isaa beeksiseera. Filannoo bara 2017 irratti lammiilee biyyatti filaachuudhaaf galmmaawan keessaa dhibeentaa 80n akka hirmaatan gabaasameeraa.
Gabaasaan VOA Mohaamad Yusuf Nayiroobii irraa akka ibsetti yemmuu buufataleen sagalee kuma 46,229 keessaa buufatalee filannoo kumaa 43,615 ta’an sagalee lakkawanii xumurantti bu’iin agarsiisuu Raayilaa Odiingaa fi Wiliyaam Ruuto sagalee waltii dhihaataa ta’e akka galmeesaa muldhisee jira. Sababa namoonni barana sagalee kennan yarateef kan himan xiinxaltoonni akka jedhaniitti hoggansii biyyatti karaa siyaasaatiin, karaa hawwasummaa fi karaa misooma diinagdeetiin, akkasumaas malan maltumaa hirdhisuu irratti hojii barbaachisaa ta’ee hin hojjanne .
Prezidaantumaa baraanaa irratti kan cimanii waliin dorgomaa jiran Lammanuu gosaa keniyaa keessatti hedduminaa qabuu fi gostii prezidaantotaa kanna duraa aangoo irraa turan keessaa bahan Kukuyuun filannoo baranaa irratti prezidaantummaadhaaf kaadhimamaa hin qabanu.
Raaylaa Odiingaa Gosaa Lu’oo irraa, Wiliyaam Ruuto immoo gosa Kaalaanjii irraa yumuu ta’an Lamman isaanii iyyuu dubartoonni itti aantotaa isaanii godhatan gosa Kukkuyuu irraa akka ta’e beekameera.
Lakkoofisii sagalee inni dhumaa yoo walqixa ta’ee argamee filannoon marsaa biraatu taasifama.