Marii TPLF Waliin Geggeessamuuf Gidduu Kan Seenu Gamtaa Afriikaatiin Ala Ka Biroo Akka Hin Simanne Mootummaan Itiyoophiyaa Beeksise

  • VOA

Faayilii: Ambaasaadder Melles Alem

Marii nageenyaa TPLF waliin karoorfamte keessatti Gamtaa Afriikaa qofatu gidduu galeessa ta’uu Itoophiyaan beeksistee jirti. Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa ambaasaaddar Meles Alem ibsa torban torbaniin ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, kanneen biroo gahee deeggarsaa qofa akka qabaatan.

Mootummaan walitti bu’iinsi Itiyoophiyaa gama kaabaa furmaata siyaasaa akka argatu marii araaraaf cicha kan qabu ta’uu kan ibsan ambaasaadder Alem, ta’us mootummaan gamtaa Afriikaatiin ala yaalii marii sanaa akka hin fudhanne ibsaniiru.

Kan prezidaantii Naayijeriyaa duraanii irraa amantaa hin qabaanne kan dubbatu TPLF immoo gamtaa Afriikaatiin ala qaamotiin sadarkaa addunyaa adda addaa akka hirmaatan barbaada.

Gabaasaaleen miidiyaalee hin mirkanoofne akka agarsiisanitti, Gamtaan Afrikaa marii nageenyaa mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti taasifamuuf karoorfameef gidduu seentoota ta’uun Gamtaa Awurooppaa, Tokkummaa mootummootaa fi Yunaayitid Isteetisiin keessa galchuuf jedha.

Haa ta’u malee gamtaan Afriikaa “gahee hoggansa falmii hin qabnee kan Gamtaa Afrikaa fi kan Bakka Bu’aa Ol’aanaa przidaantii Naayijeeriyaa duraanii Olusegun Obasanjo jalatti adeemsi nagaa ni jiraata” jechuun hubachiiseera.