Namoonni Kumaa 14 Ta’an Qe’ee Isaanii Iraa Buqqa’ani Jiru

  • VOA

Naannoo Baalee

Waltii bu’insaa daangaa godina Baalee fi godina Liiban isaa naannoo mootummaa Somaalii jalatti arragmuu irratti taasifameen gara Lammanuu jiraattonni kuma 14 ta’an qe’ee isaanii irraa akka buqqan beekame jira.

Hogganan biiroo buusaa gonofaa godinaa Baalee Wondimaageny Kebede VOA ti akka himanitti rakkinichii kan muudate hidhattonni naanoo bulchiinsaa Somaalii irraa ka’an ergaa haleellaa raawwatanii boodaa.

Hogganan biiroo nageenyaa godinaa Liiban Mohaamad Abdii gamma isaaniitin hidhattoonni Naanoo Oromiyaa irra ka’an gara naannoo Somaalitti Ce’udhaan horsiisee bultootaa Ajjeesanii beelladootaa saamuu isaaniitin kan ka’ee akka waltii bu’inschii umaame ibsuu isaanii Addis Chekol Dirredawaa irraa gabbasee jira.