Gareen Seeneetaroota Amerikaa Taaywaan Seenanii Jiru

  • VOA

Faayilii-Miseensonni Senetii Ameerikaa Taayiwaaniin daawwatan

Waraanni Chaayinaa wiixata har’a shaakala waraanaa dabalataan Taaywaan cinatti gaggeessuu isaa kan ibse yoo ta’u kunis seeneetaroonni Amerikaa odoola Chaayinaan kan kooti jettu Taaywaan Dilbata kaleessaa ituu hin labsamiin seenuun prezidaantii biyyatti wal arganitti ture.

Gareen af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota uummataa Naansii Peloosiin hogganamu baatii keessa jirru Hagayya jalqabatti Taayiwaan seenee akka ture ni yaadatama.

Gareen seeneetaroota Amerikaa har’a paarlaamaa Taayiwaan daawwachuun Taaywaaniif deggersa qabaniif mallatto tokko jedhamee jira.