Yaada Mootummaan Dhiyeesse Konyaaleen Godiina Guraagee 8 Simatan

  • VOA

Yaada Mootummaan Dhiyeesse Konyaaleen Godiina Guraagee 8 Simatan

Bulchiinsa naannoo Uummattoota Kibba Itiyoophiyaa gara bulchiinsa naannoo lamatti qoduuf yaada mootummaan dhiyeesse kan simatan konyaaleen 8 Maaraqoo, Masqaan, Masqaan Bahaa,Qabeenna, Buyii, Soddoo fi Soddoo Kibbaa akkasumas, bulchiinsa magaalaalee Buttaa jitaa fi Isaanoo ta’uun ibsamee jira.

Konyaaleen kun saddeettan Haadiyyaa, Silxee, Haalaabaa, Kambaataa Xambaaroo fi konyaa addaa Yam waliin tokkummaan bulchiinsa naannoo tokko ta’u.

Manni marii konyaalee 8 walgahii hatattamaa eega gaggeessanii booda kana kan murteessan yoo ta’u kunis murtii manni marii godinaa duraan dabarsee mormuun ture.