Bulchiinsii Baaydiin Afrikaaf Imaammata Qabu Ibse

  • VOA

Faayilii-Ministrii haajaa alaa Yunaayitid Isteeytis Antonii Biliinken

Imaammata haaraa Afrikaaf qabnu walqixxummaa, hawaasalee banaa ta’anii fi Deemokraasii ijaaruu akkasumas weerara dhukkubaa keessaa bayyanachisuu fi jijjiirama qilleensa dura dhaabachuu akka ta’e bulchiinsii Baaydin beeksisee jira.

Ministeerrii haajaa alaa Amerikaa Antonii Bliinkan dhiyeenya kana haasaa gaggeessaniin, kaayyoo kanaa fi hariiroo haaraa Amerikaa fi michoota 50 ol kan Ardii Afrikaa keessaa hubachiisan.

Wantii caalaatti barbaannu michooma dhugaa Amerikaa fi Afrikaa gidduti kan jedhan Bliinkan, hariiroo madaalii hin eegnee ykn bu’aa irratti hirkate hin feenu.Afrikaa waliin cichi hariiroo jabaa qabaachuuf qabnu eenyuun iyyu caalaa milkaa’uuf miti jedhan.

Chaayinaa fi Raashaan Ardii Afrikaa keessatti hedduu hojjataa kan jiran yoo ta’u, ministeerri dantaa alaa Raashiyaa sergee Laavroov dhiyeenya kana Afrikaa daawwachuun biyyonni Afrikaa hariiroo durii kaasee ture akka yaadatan taasiisan jedhu taajabdonni.