Turizimii Biyyattii Madda Galii Taasisuuf Hojjetaan Jira: Komiishinii Turiizimii Oromiyaa

Your browser doesn’t support HTML5

Turizimii Biyyattii Madda Galii Taasisuuf Hojjetaan Jira: Komiishinii Turiizimii Oromiyaa

Damee Industirii Turizimii si’eessuuf teeknoolojii waliin waltti hidhuun qabeenya turuzimii biyyattiin qabdu beeksisuuf madda galii taasisuuf hojjechaan jira jechuun Komishiniin Turizimii Oromiyaa eeree jira.

Tibbana magaalaa Finfinneetti torban turizimii fi teeknoolojii jechuun sagantaa agarsiisa teeknoolojii fi tajaajila turizimiin wal qabatan dhaabbiilee adda addaa qindessuun dhiyeessee jira komishinichii.

Namoonni oomishaa fi tajaajila isaanii qabatanii agarsiisa kana irratti hirmaatan sagaleen Ameerikaa dubbise carraa walitti hidhamiinsa gabaa uumuu fi muuxannoo wal jijjiiruuf sagantichi gumaacha qaba jechuun himaniiru.