Turkii fi Israa’el Walitti Dhufeenyaa Dippilomaasii Akka Haaromsatan Ibsan

  • VOA

Faayilii-Turkii fi Israa'el walitii dhufeenyaa Dippiloomaasii waggaa Afuriin dura addaan kutanii turan deebisanii itti fufuu walii galan

Mootummaan Tarkii fi mootummaa Isiraa’el walitii dhufeenyaa Dippiloomaasii waggaa Afuriin dura addaan kutanii turan deebisanii itti fufuu isaanii Roobii har’a ibsaa basanii beeksisu isaani maddi oduu Rooyiters gabaaseeraa.

Biyyotan Lamman baraa 2018 ajjeechaa Gaazaa keessatti lammilee palastaayin 60 irratti raawwatameen kan ka’ee ambaasaderootaa isaanii akka haryyatan ni yaadatama.

Waajjirii Muummee minstiraa Isiraael Yaa’ir Laapids Roobii har’aa akka ibsettii waliigaltee irraa kan gahamuu danda’e erga mariin Muummee ministiraa Isiraa’eli fi Prezidaantii Tarkii Taayip Erduwaan gidduutti taasifame dooda.

Akka wali galtee kanaatti biyoottan Lamman ambaasadeeroota isaanii haryataanii turaa deebisuudhaan hojii dippiloomaasii guutummaadhaan itti fufu.