Daangaan Magaalaa Finfinnee fi Naannoo Oromiyaa Adda Ba’ee Sararame

  • VOA

Finfinnee-OROMIYAA

Bulchiinsii magaalaa Finfinnee fi bulchhinsi mootummaa naannoo Oromiyaa dhimmaa daangaa bulchiinsan lamman gidduu turee fi furmaataa kennuu dhaaf wali galtee irraa gahamuu isaa Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebe ergaa fuulaa miidiyaa hawaasa irratti dabarsaniin beeksisaniiru.

Akka Addee Adaanech Jedhanitti Kanaan dura mannoottan waloon jireenyaa YKN Kondominiyeemonni Koyyee Faccee, Tulluu Diimtuu fi gamtokkeen gamoo mana jireenyaa Jamoo lakkoofsa Lamaa garaa naanoo Oromiyaatti kan daangeffaman yemmu ta’u, mootummaa naannoo Oromiyatiin Kanaan duraa ijaaramanii kan turanf naannoo Labuutii kan argaman gamoowwan waliin jireenyaa Furii Hanna fi bakki ammaa laga Qarsaatii jiruu garaa naannoo Finfineetti daangefamee jira.

Dhimma kana irratii kan ibsaa baasee Paartiin mormitootaa Izeemaa gochichaa mormee jira. Itti aanaa paartichaa kan ta’an Arkitekt Yohaanis Mekonen, murtichii waan yeroo hin eegganee fi waan ummanni irratti hin maryyaneedhaa jechuudhan VOAti himuu isaani fi mootummaan gamaa isaatiin ummanii irrati marii tasiseeraa jechuu isaa Kenedii Abaate Finfinnee irraa gabaasee jira.