Boorana Keessatti Jiraattonni Kuma Hedduun Sababaa Hongeetiin Buqqa’an Gargaarsa Dhabnee Rakkoo Hamaa Keessa Jirra Jedhu

Your browser doesn’t support HTML5

Boorana Keessatti Jiraattonni Kuma Hedduun Sababaa Hongeetiin Buqqa’an Gargaarsa Dhabnee Rakkoo Hamaa Keessa Jirra Jedhu

Boorana aanaa Dubluq keessa kanneen qubatanii jiran buqqaatonni sababaa hoongeef qe’ee ofii irraa baqatan rakkkoo hanqina nyaataa fi rakkoolee biroo keessa jiraachuu dubbatan. Aana Dubluq magaalaa Dubluq bira kanneen qubatan abbootiin warraa 1400 ol ta’an erga sababaa hoongeetiin qe’ee ofii irraa godaananii ji’a ja’aa ol ta’uu eeranii haga ammaatti gargaarsa akka hin argannee fi rakkoo beelaa keessa akka jiran Sagalee Ameerikaatti himanii jiran.

Deebanoo Saaraa hojjetaan waajjira Buusa Gonofaa Aanaa Dubluq dhimma kana aailaalchisee ennaa dubbatna buqqaatota iyyataa jiran kana gargaaruun humna aanaa isaanii ol akka tahe eeranii jiran. Waajjirri Buusa Gonofaa Godina Booranaas waa’ee buqqaatotaa kana deebii kennee jiraa. Ka gara sanatti imalee ture Galmoo Daawit gabaasaa qaba.