Buqqaatonni Lammiiwwan Tigraay Semeraa Turan Gara Qe’ee Isaanii Aba’aalaatti Deebi’uun Gabaasame

  • VOA

Faayilii-Samaraa

Komishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa buqqaatotaa fi hidhamtoota dhalattoota Tigraay kuma 7 ol ta’an qubsuma Semeraa keessaa gara magaalaa jireenya isaanii naannoo Affaar Ab’alaatti deebi’uu isaanii simateera. I

Kanneen biyya ofii keessatti qe’ee irraa buqqa’anii fi hidhamtonni kun baatii saddeet darbaniif magaalaa Semeraa keessatti mooraa lama keessa turaniiru. Komishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa akka jedhetti, garee hordoffii gara mooraa Jaraa fi Jaarreetti ergee angawoota komiishinichaa waliin mari’achuu isaa ibseera.