Oromiyaatti Namoonni Sababaa Hongeen Miidhaman Gargaarsi Arganne Rakkoo Nu Mudate Hin Madaalu, Jedhan

Your browser doesn’t support HTML5

Oromiyaatti Namoonni Sababaa Hongeen Miidhaman Gargaarsi Arganne Rakkoo Nu Mudate Hin Madaalu, Jedhan

Tokkummaa Mootummootaatti, waajjirri gargaarsa namoomaa Itiyoophiyaa keessatti namootni dhiibbaa hoongeen itti fide irraa kan ka’e gargaarsi isaan barbaachisu dachaan dabalaa jira. Dhaabbatichi dhuma torban dabree gabaasaa baaseen namootni miiliyoona 16 ol gargaarsa midhaan nyaataa akka isaan barbaachisu beeksise.

Mootummaanis tahe dhaabbileen miti-mootummaas namoota kanaaf akka gargaarsa kennaa jiran ka dubbatan tahuus warri hoongeen miidhe garuuu, gargaarsi nu gahaa jiru xiqqaadha, kan rakkoo keenya gitu miti jedhan.

Yuuniversitii Ambootti barsiisaa misooma baadiyyaa akkasumas qorataa jijjiirama haala qilleensaa ka ta’a Turaa Ganyaa ammoo akkaataa itti mootummaan miidhaa hoongee kanaaf deebii kennaa jiru tu sirrii miti, jedhu. Dhimma kanarratti waajjirri buusa Gonofaa Oromiyaa immoo deebii gama kennee jira.