Galmeeleen Prezidaantii Maaliif Kan Dhuunfaa Isaanii Hin Taane?

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Galmeeleen Prezidaantii Maaliif kan Dhuunfaa Isaanii hin Taane

Jalqaba torbanii baatii kanaa haalli FBIn qabeenya Pirezidaantii U.S duraanii Donald Trump Mar-a-Lago jedhamu kan Paam Biich, Filooriidaa keessatti argamu sakatta’uu isaa battalumatti ifa akka hin taane gabaasni miidiyaaleen ni mul’isu. Haa ta’u malee, Ministeerri Haqaa saanduqawwan odeeffannoo dhoksaa of keessaa qaban kanneen Tiraamp Guraandhala 2021 Waayit Haawus keessaa erga gadhiisanii booda gara mana jireenyaa isaanii Filooriidaatti geeffaman dammaqinaan qorachaa jira.

Galmeen bilbilaa, wixineen, haasaa, yaadannoo harkaan barreeffamee fi galmeelee biroo bara aangoo Tiraamp keessa turan maaliif Kuusaa Biyyaalessaa keessa hin teenye?