Haleellaa Dhaqqabeef Itti Gaafatamummaan Ni Jira: mummichi ministeera Somaaliyaa

  • VOA

Hoteela Somaaliyaa Haleellaan Irratti Raawwate

Haleellaa hoteela Moqaadishoo irratti dhaqqabee namoonni 21 itti ajjeefamanii kanneen biroon 117 itti mada’an sana booda itti gaafatamummaan akka jiraatu mummichi ministeera Somaaliyaa waadaa seenanii jiru.

Hamzaa Abdii Barre akka jedhanti Jimaata dabree Hoteela Hayaat irratti haleellaa gaggeeffameef mootummaan itti gaafatama akka fudhatu ibsan. Hidhattonni Al Shabaab Hoteela Haayaat sa’atilee 30 caalaaf qabatanii eega turanii booda humnootiin mootummaa gadhiisiisan.

Prezidaantichii akka jedhanti, mootummaa fi wal taatonni isaa duula gama waraanaa, kan yaadaa fi dinagdee al shabaab irratti labsuuf jiru.

Abbaan qabeenya hoteela Hayaat Abdulkadir Mohammud Nur keessummonni hoteelicha keessa turan martii harka keessaa akka hin qabnee fi waan sabaa himaan hawaasaa namoonni haleellaa sana geesiisan namoota Damma gurguran fakkaatanii seenana jedhu fudhatama dhabsiisan.