Biyyonni Arabaa Shan Masrii Keessatti Mariif Ta’anii Jiru

  • VOA

Faayilii-EGYPT-UAE-ARAB-DIPLOMACY

Prezidaantiin Masrii Abdal Fattah Al- Sisi walgahii biyyoota Arabaa shan giddutti gaggeeffamu kibxata har’a keessumeesuuf kan jiran yoo ta’u, ajandaa dhiyaatan keessaa duula waraanaa Yukreen irratti gaggeeffameen dhimma eneerjii wal qabsisuun akkasumas rakkoon nyaataa kan keessa jiru ta’u mootummaan biyyatti ibsee jira.

Al si sii, prezidaantii biyya Emeereet, mummicha ministeera Iraaq, Mootii Jordaan fi Baahreen walgahii kaayiroo Kaaba dhiyaa lafa handaara galaana meditreeniyaan kan jirtu El-Alameni keessatti gaggeeffamu irratti argamuuf jiru.

Hogganoonni shanan Wiixata kaleessaa wal arguu isaanii ibsii waajiira prezidaantii Masrii biraa ba’e hubachiisee, hariiroo fi walta’iinsa biyyoota kana gidduu jabeessuuf Kan ilaaleen yaada wal jijjiranii jiru.

Ta’uus garu walgahii sirnaawaan har’a kan jalqabamuu ta’u dubbii himaan waajiira prezidaantii Masrii beeksisanii jiru.

Jordaanis mariin kun har’a akka gageeffamu mirkaneessite jirti.Gaazexaan Masriin Al Ahram walgahiin kun dhimmi enerjii fi wabii nyaataa irratti akka dubbatu gabaasee jira.