Godina Guraagee Keessatti Namoonni Hidhamanii Jiru : Komishinii Poolisii

  • VOA

Faayilii: waajjira komiikeeshinii godina Guraagee

Godiina Guraagee keessatti gocha hokkaraa gaggeeffamu dhaabsisuuf jecha tarkaanii fudhatameen, namoonni lakkobsii isaanii hin mirkanoofne hidhamuu bulchiinsii naannoo sabaa fi sablammoota uummattoota Itiyoophiyaa gama kibbaa beekssee jira.

Komishinarri polisii kutaa sanaa Alamaayyoo Maammoo RSAf akka ibsanti namoonni dhunfaan hangii tokko kan Guaageen akka bulchiinsa naannoo ofii isaa qabaatuuf gaafatan odeeffannoo sobaa facaasuun hokkara kaasisuu jiru.

Magaala guddoo Godiina Sanaa kan taate Walqixxee keessa kanneen jiraatan akka jedhanti, aangawoota gameeyyii naannoo dabalatee namoonni yoo xiqqaate 13 ta’an hanga har’atti guyyaa afur keessatti hidhamanii jiru. Angawaan nageenyaa fi hogganaan waajiira fayyaa kan godiinichaa kanneen hidhaman keessaa ta’u jiraattonni ibsanii jiru.

Godinaaleen Walaayitaa, Gaamoo, Gofaa, Omoo Kibbaa, Konsoo fi Geeda’oo akkasumas Konyaaleen adda Daraashee, Amaaroo, Burgii, Alee fi Baaskeetoon bulchiinsa naannoo tokko ta’uuf dhiyeeffatan Torban dabree manni maree Fedreshinii Itiyoophiyaa fudhatee ture.

Godinaaleen Guraagee , Hadiyyaa, Halaabaa, Kambaataa xambaaroo fi Silxeen akkasumas konyaan addaa Yeem, bulchiinsa naannoo uummattoota Itiyoophiyaa gama kibbaa akka ta’anti itti fufuu.