Gambeellaa Keessatti Lolaan Jiraattota Kuma 11 Caalaa Qe'ee Isaanii irraa Buqqise

Your browser doesn’t support HTML5

Gambeellaa Keessatti Lolaan Jiraattota Kuma 11 Caalaa Qe'ee Isaaniirraa Buqqise

Naannoo Gaambellaa, Aanolee 6 keessatti balaa lolaa tibbana mudateen namootni kuma 11 ol tahan qe'ee ofiirraa buqqa’uu mootummaan naannichaa beeksisee jira.

Inistiitiyuutiin Meetiriyooloojii Itoophiyaa "Haalli rooba ganna kanaa kan idilee fi idilee tii olii ti. Uummatni balaa lolaa fi sigigaachuu lafaarraa of eeggachuu qaba" jedha.