Lammiileen Angoolaa Dorgommii Pirezidaantummaa Cimaa Irratti Sagalee Kennaa Jiran

  • VOA

Angola Braces for Tight General Election

Lammiiwwan Angoolaa waggoota itti aanan shananiif biyyattii kan hoogganan prezidaantii dabalatee miseensota paarlaamaa filachaa ennaa jiran kanatti wiirtuleen filannoo 26,000 ol Agngoolaa keessaa banamanii jiru. Yeroo jalqabaaf paartiin biyya bulchu mootummaa itti aanu hundeessuuf mormitoota biraa qormaati jabaan isa mudatee jira.

Filanoo kanaan yoo xiqqaate lammiiwwan Angoolaa miliyoonni 14 sagalee kennuuf galmaa’aniiru. Taajjabdoonni siyaasaa akka jedhanitti paartii socii bilisummaa Angoolaa MPLA irraa prezidaanticha yeroo ammaa Jo’aaoo Looreenzoo fi kaadhimamaa garee mormituu tokkummaa biyyoolessaa walabummaa Angoolaa UNITA irraa kan ta’an Adaalbeertoo Koostaa gidduutti dorgommii cimaatu geggeessamaa jira jedhan. Barcuma paarlaamaa 220 qabachuufis filannoon ni geggeessama.

Lammiiwwan Angoolaa kanneen sagalee kennan, bulchiinsa paartii tokkichaan itti fufuu ykn mootummaa itti aanu hundeessuuf mormitoota keessaa prezidaantii haaraa filachuu keessaa tokko filachuuf jiru. Xiinxaltoonni siyaasaa akka jedhanitti rakkoon dinagdee biyattii keessaa duula filannoo keessatti dhimma ijoo waan tureef jecha paartiin mormituu UNITAn qalbii dargaggoota sagalee kennan hedduu hawateera. Lammiiwwan Angoolaa guyyaattii galii $2 lamaa gadiin jiraatu. Filannoo kanaan lammiiwwan Angoolaa biyyootii alaa keessa jiraatan sagalee kennuu danda’au.

Erga dimokraasii paartilee heddutii booda filannii walii gala kun isa 5ffaa ta’us, paartiin biyya bulchu MPLA garuu erga biyyattiin bara 1975 Poortugaal jalaa walaboomtee booda aangoo qabatee jira.