Barreessaan Muummichi Tokkummaa Mootummootaa Muummicha Ministaraa Abiyyi Ahimad fi Hoogganaa TPLF Debretsiyoon G/Michael Waliin Dubbatan

  • VOA

Muummicha barreessaa tokkummaa mootummootaa Antoniyoo Guteres

Muummichi barreessaan Tokkummaa Mootummootaa Antooniyoo Guteres, har’a muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa – Abiyyi Ahimed akkasumas dura-taa’aa Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay yokaan TPLF – Debre-tsiyoon Gebree-Mikaa’el waliin dubbachuu isaanii, dubbi-himaan isaanii Stefaan Dujaarik har’a ibsa maddeen oduuf kennaniin beeksisanii jiran.

Hoogganichi Tokkummaa Mootummootaa, haasawa hoogganoota lameen waliin mata mataatti taasisaniin, wal-waraasichi hatattamaan akka dhaabatuu fi mariin siyaasaa hunda hirmaachise akka deebi’ee itti fufu waamicha dhiheessuu isaanii dubbatan – Sefaan Dujaarik. Tokkummaan Mootummootaa yaali marii araaraa Gamtaa Afrikaan deggeramu gargaaruuf akka qophaa’ee eegaa jirus hubachisanii jiran, jedhan.