Mootummaan Itiyoophiyaa fi Addi Bilisummaa Ummataa Tigraay/TPLF haalduree kamiinuu malee dhukaasaa dhaabanii wal dhabiinissa isaan gidduu jiruu xumuruudhaaf yaalii dacha akka taasisan mootummaan Yunaayitid Isteets gaafatee jira.
Ji’oottan Shaman darbaniif gargaarsa namoomaa mijeessudhaaf jecha wali galteen dhukaasa dhaabuu cabee gara wal waraansa haaraatti deebi’uun akka mootummaa Yunaayitid Isteets yaaddeesse ministirrii dhimma alaa Antonii Bliinken gaafachuu isaanii ibsii Ministeera dhimmaa alaa irraa bahe beekisiseera.
Wali galteen dhukaasa dhaabuu kabajuun lubbuu lakkoofsaa hin qabnee baraaruudhaaf akka gargaaree kan hime ibsii kun, walti bu’insaa haaraa keessaa deebi’anii galuun dararamaa bal’aa, sarbiinsaa mirga namoomaa fi rakkinaa diinagidee keessaa akka galchuu ibsee haalichii tuffii nagaa fi nageenyaa ummata Itiyoophiyaa akka ta’ee beeksiseera.
Mootummaan Itiyoophiyaa garee marii nageenyaa dhaabuu isaa akka hubatuu kan eeree Ibsii mootummaa Yunaayitid Isteets, gareen hunduu sochii midhaan nyaataa fi boba’aa gareewwan gargaarsa namoomaatiin taasifamaa jiruu akka kabajan hubachiisee gargaarsa namoomaa dhimmaa waraanaaf oolchuun akka dhaabbatu, dhaabanii tajaajilawaan gargaarsa namoomaa akka deebi’anii hojii irra oolchaman gaafatee jira.
Yunaayitid Isteets tokkummaa, brimadummaa fi kabajji daangaa Itiyoophiyaaf qabduu akka itti fuftuu kan beeksisee ibsii kun, balaa hongee irraa aanuudhaa fi nageenyaa naanichaa mirkaneesuu dabalatee dararamaa biyyatiin keessaa jirtuu keessaa bahuudhaaf tattaffii taasisamaa jiruuf Yunaayitid Isteets lamiilee Itiyoophiyaa wajjin hojjatti jedheera.
Ibsii kun, Yunaayitid isteets karaa gargaarsa namoomaatin gumaacha guddaa taasisaa akka jirtuu akeekkachiisee, wagga darbee deggersaa rakkinaa hongee,wabii midhaan nyaataa, ijaarsaa nageenyaa, fayyaa, baruumsa , dabarsa tekinoolojii fi leenjii dabalatee gargaarsaa misoomaaf namoomaa doolaaraa Biiliyoonii 1.2 ta’uu taasisuu ishee hubachiiseera.