Amerikaan Rookeeta Har’a Furguggisuuf Karoorfatte Jimaatatti Dabarsite

  • VOA

FILE-NASA postpones debut test flight of next-generation moon megarocket

Dhaabbatii Hawaa kan Yunaaytid Isteetis rookeetaa humna guddaa qabu fi kan ogeessoota hawaa baachuu dandeessuu ka biraa wajjiin erguu haala itti danda’amuu yaaluuf jecha wiixata har’a furguggisuuf akaroora baasee ture jimaaya dhufuutti dabarsee jira.

Karoorrii har’a kun hafuu isaaf sababaa, boba’an dhangala’uu jiraachuun isaa eega baramee booda. Rokeetiin har’a furguggifamuuf turte kun nama feetee kan deemtu miti.Rokeetiin kun imala ishee Kanaan, gara torban 6 naannoo Ji’aa turtee gara lafaatti deebiti.

Yaaliin kun milkoofnaan Naasaan bara 2024 ogeessoota hawaa gara ji’aatti erguuf kan karoorfatee yoo ta’u, jalqaba bara 2025 akka Ji’a irra qubatan gochuu dha.