Uummanni Qobboo Keessaa Lola Sodaatee Godaanaa Jira

  • VOA

alamata kobo ethiopia

Humnootii Fedeeraalaa fi ABUT giddutti wal waraansii yeroo itti fufee jiru kanatti uummanni kuma hedduun, godiina walloo kaabaa konyaa Raayyaa qobboo keessaa dheessaa jira.

Dhukaasa dhaabiinsa baatii shanii booda, torban dabree gaafa Robii wal waraansii kan jalqabamee yoo ta’u magaala qobboo keessaa namoonni kuma hedduun godaanuu fi barattonni yunivarsitii waldiyaa sodaaf jecha mooraa gadhisanii ba’aa akka jiran ibsamee jira.