Baka Buutuun Embasii Ameerikaa ka Finfinnee fi Itiyoophiyaatti Daayirikterri USAID Dirree Dhawaa fi Harariin Daawwatan

  • VOA

Bakka buutuun Embasii Ameerikaa Finfinneetti argamuu Ambaasaadder Treesii  Jakobsen fi Daayirikterri USAID Shaan Joonis torban darbe gara Dirree Dhawaa fi Hararitti imaluudhaan projektoota mootummaa Yunaayitid Isteetisiin deggeraman kan gamasii daawwatanii jiran, Hagayya 2022

Bakka buutuun Embasii Ameerikaa Finfinneetti argamuu Ambaasaadder Treesii Jakobsen fi Itiyoophiyaatti Daayirikterri USAID Shaan Joonis torban darbe gara Dirree Dhawaa fi Hararitti imaluudhaan angawoota mootummaa waliin wal arganii projektoota mootummaa Yunaayitid Isteetisiin deggeraman kan gamasii daawwatanii jiran.

Ambaasaadder Jaakobsen ennaa Dirree Dhawaa turanitti, kantiibaa magaalattii Kadir Juhaar waliin wal arganii hariiroo uummataa cimsuuf walitti dhufeenya isaanii aadaa fi dinagdee jabeessuu irratti mari’ataniiru. Magaalaa Hararittis ambaasaadderittii fi Mr. Joons pdrezidaant Ordiin Bedrii, prezidaantii mootummaa naannoo biyyoolessaa uummata Hararii waliin wal arguu dhaan Yunaayitid Isteetsii fi hawaasi naannoo kanaa nagaan akka bu’uuf hariiroo cimaan mala itti uumuun danda’amu irratti mari’ataniiru.

Keessummeessuu bakka bu’oota waajjira prezidaantii naannootiin illee magaalaa seena qabeettii taate Harariin daawwataniiru.