Ibsa Oduu Har’aa Waraansa Kaaba Itiyoophiyaa fi Haala Gargaarsa Namoomaa

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Ibsa Oduu Har’aa Waraansa Kaaba Itiyoophiyaa fi Haala Gargaarsa Namoomaa

Mootummaan Itiyoophiyaa har’a Addi Bilisummaa Uummata Tigiraay adda waraanaa gama kaabaa bakkawwan qabatee jiru irratti haleellaa biraa bane jechuun himate. "Wag, Walqaayit (Lixa Tigraay) fi daangaa Itoophiyaa fi Sudaan irratti TPLF haleellaa eegalee jira" jedhe ibsi mootummaan baase.

Mootummichi akka humnoonni isaa bakka isaanii qabatanii eegaa jiran ibsee jira. Kan fuula Tiwiiterii isaanii irratti har’a ibsa gama isaanii barreessan, Obbo Getaachoo Raddaa ammoo, “mootummaan Abiyyi humnoonni Tigraay Seqotaa, Hamdaayitii fi deddebit dabalee addawwan hedduun haleellaa bananii jiru, jechuun ibsi baase ija hawaasa addunyaa duratti yakka irraa walaba of taasisuuf jecha oduu dharaa uumee odeessu,” jedhuun mootummichi jarreen Ertiraa waliin qindeeffachuun naannoo sanatti ibsidda qabsiisuuf akka carraaqaa jiranitti eeran.

Oduu kana dursee immooTPLF kaleessa mootummaan federaalaa Itiyoophiyaa magaalaa Maqalee keessatti haleellaa diroonii namoota nagaa irratti raawwate jechuun himattee turte. Dubbi himaan TPLF obbo Getaachoo Redaa kaleessa fuula Tiwiitarii isaanii irratti haleellaa maalitti akka geggeessame hin hubatamne jedhan.

Mootummaan federaalaa Itiyoophiyaa irraa haleellaa kana ilaalchisee deebiin kenname hin jiru. Oduudhuma wal-qabateen OCHAn kaleessa akka beeksisetti guyyoota darban keessa naannoo Affaar aanaalee Yaaloo fi Guliinaa keessaa sababaa walitti bu’insaan namoonni kumaan laka’man qe’ee isaanii irraa buqqa’uu beeksisee jira.

Komiishinerri sodaa balaa fi wabii nyaataa naannoo Affaar Mehaammed Huseen VOAf akka himanitti naannoo daangaa Tigraay irratti walitti bu’iinsa deebi’ee ka’eetti aansuu dhaan guyyoota darban keessa namoota 200,000 ol qe’ee isaanii irraa buqqa’uu ibsaniiru