Qaamonni Kaabaa Itiyoophiyaatti Wal-Waraanuutti Deebi’an Lubbuu Lammiilee Badii Olchuuf Akka Dursa Kennan, Partiileen Mormitootaa Gaafatan

Your browser doesn’t support HTML5

Qaamonni Kaabaa Itiyoophiyaatti Wal-Waraanuutti Deebi’an Lubbuu Lammiilee Badii Olchuuf dursa akka kennan Partiileen Mormitootaa Gaafatan

Koongireesiin Federaalawaa Oromoo KFO'n warraanni gaggeeffamaa jiru kaaba Itoophiyaa qofatti otuu hin taane guutuu biyyaatti kallattii garaa garaa keessatti waan taheef mootummaan nageenyaaf dursa kennuu qaba lubbuu lammiilee fi qabeenya biyyattii badii irraa oolchuu tu irraa eegama, jechuun gaafatee jira.

Paartiin Warraaksa Diimokiraasii Amaahaaraa gama isaatiin tarkaanfii mootummaan fudhataa jiru kan deeggaruu ta'uu dubbata. Paartiin “Araanaa Tigraay”jedhamu immoo lolli amma mootummaa federaalaa fi humnoota Adda Bilisummaa Uummaa Tigiraay marsaa 3ffaa eegalan qaamni lamaanuu lammiilee biyyattiif dantaa akka hin qabne mul’isa jechuun qeeqa. Gabaasaa guutuu caqasaa.