Chaaynaan Gocha Gara Jabinaa Lammiwwan Ofii Irratti Gaggeessitu Akka Dhaabdu Gaaftamee Jira

  • VOA

Faayilii-Komishinarittiin olaantuun mirga namoomaa kan tokkummaa mootummootaa Michelle Bachelet

Chaayinaan gocha gara jabinaa uummata wiigarii fi qomoo sabxiqqaalee kanneen biroo irratti gaggeessaa jirtu battalumatti akka dhaanduuf bulchiinsii prezidaant Baaydiin te ba’e gaafatee jira.Komishinarittiin olaantuun mirga namoomaa kan tokkummaa mootummootaa Misheel Baachleet gabaasa yeroodheeraaf duubatti harkiifatee ba’e sana booda kun gaafatame.

Gabaasnii ba’ees, gosoota sab xiqqaalee kutaa chaayinaa shin jaang keessa jiratan irratti gochii rawwatamu, yakka dhala namaa irratti gaggeeffame jechuun akka danda’amuu gabaasnii ba’e murteessee jira.

Itti gaafatamtuun preesii kan Waayit Haawuus Kariin Jaan Piyeeer kamiisa kaleessaa oduu gabaastotaaf akka ibsanti, Yunaaytid Isteetes gabaasa ba’e kan simatte yoo ta’u sababaan isaas, haala jibbisisaan dhiittaa mirga namoomaa hawaasaalee sab xiqqaalee chaayinaa irratti mootummaan biyyatti gaggeessuu agarsiisa jedhan.

Gabaasnii kun duguggaa sanyii fi yakka dhala namaa irratti Chaayinaan gaggeessaa jirtuuf yaaddoo qabnu daran gad fagoo akka ta’u taasisee jedhanii, mootummaan Chaayinaa battalumatti gocha gara jabinaa gaggeessu akka dhaabu, kanneen seeraan ala hidhee akka gadhiisu, warra eessa buteen isaanii dhabameef itti gaatamuun akka jiraatu fi qorattonni walabnii dhorkaa tokko malee shin jaang shin jaang, Tibeet fi guutuummaa Chaayinaa dhorkaa tokko malee seenanii akka qoratan gaafanna jedhan itti gaatamtuun preesii Waayit Haawus kun.

Chaayinaan namoota gosa sab xiqqaalee irraa ta’an Miliyoona tokko caalaan mooraa keessatti hiitee sochii gochuuf walabummaa qaban ugguruun dararaa geesisuun, kolaastee, hokkara saalaa irratti rawwata jechuun Gareleen mirga namoomaa himataa turan.

Kunis maqaa leellistoota amantii kutaa shin jaang keessaa irratti tarkaanfii fudhanna jedhuun ta’u ibsamee jira.