Barataa Kutaa 11 Hawaasa Isaa Dubbisuu fi Barreessuu Hin Baratiin Barsiisuuf Of Kennee Hojjetaa Jiru 

Your browser doesn’t support HTML5

Barataa Kutaa 11 Hawaasa Isaa Dubbisuu fi Barreessuu Hin Baratiin Barsiisuuf Of Kennee Hojjetaa Jiru

Barataa Saaro Galgaloo dhalataa Godina Booranaa Aana Dhaasi. Amma kutaa 11 kan baratu Saaron waggoota sadan darbaniif jiraattota aanaa isaa barnoota ga’eessotaa barsiisiisaa jira. Hawaasni horsiisee-bulaa inni keessa jiraatu hedduun waan barnoota hin argatiiniis rakkoo hedduuf saaxilamaa dha, jedha - Saaroon. Kanaaf amma barnoota Afaan Oromoo, herregaa fi baarnoota jiruuf Jireenyaa isan barsiisaa jiru dubbata.