Robni Hamaan Sudaan Keessatti Lubbuu Namaa Galaafataa Jira

Faayilii-Balaa lolaa Sudaan

Baatii caamsaa dabree kaasee Roobnii argamee, loolaa bishaanii uumeen lubbuun nama galaafatee 112 dhaqqabuu aangawoonni Sudaan ibsanii jiru.

Qaamnii ittisa balaa kan kaawunsilii biyyooleessaa sudaaniif angawaan dubbii himaa ta’an wiixata har’a akka jedhanti, yoo xiqqaate namoonni ka biroon 115 guutummaa sudaan keessatti mada’anii jiru.

Lolaan bishaanii Rooba jabaa irraa argamee kun manneen jireenyaa, hospitaaloota manneen barnootaa fi dhaabatoota mootummaa kuma 85 liqimsee jira.Sudaan keessatti baatiin Robaa baratamee,waxabajjii jalqabee hanga dhuma baatii Fulbaanaatti kan turu yoo ta’u loolaan Rooba sana irraa argamees baatii Hagayyaa fi Fulbaana keessa dabala ture.

Tokkummaan Mootummootaa torban dabree akka jedheetti, kutaalee Sudaan 18 keessaa 15 keesatti yoo xiqqaate uummanni Kuma 258,000 lolaa bishaaniin gaaga’amanii jiru.