Komishinni Marii Biyyooleessaa Iyyata Dhiyeessee Jira 

  • VOA

File-Peace Committee Ethiopia

Itiyoophiyaa gama kaabaa keessatti dinummaan wal ilaaluun itti fufuun isaa, sochii deemsisaa jiruu irratti rakkoo guddaa ta’u isaa Komishinni marii biyooleessaa kan Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Komishiinara komishinii kanaa kan ta’an Dr. Yonaas Adaye RSAf akka ibsanti dinummaan wal ilaaluun kun fakkeenyaaf jedhan imala gara Maqaleetti saganteeffatanii turan akka yeroo biraatti dabarsan taasisee jira.

Ta’uus garu deemsa kana itti fufuun kaayyoo keenya fixaan baafna abdii jedhu qaban.Yunaaytid Isteetes gama ishee, Itiyoophiyaa gama kaabaa keessatti wal waraansii deebi’ee ka’uun marii guutuu biyyaa karoorfame irratti dhiibaa qabaata yaaddoo jedhu akka qabdu ibsitee jirti.

Kana malees, deemsa siyaasaa hunda hirmaachise fi nageenyaa fi badhaadhiina lammiwwan Itiyoophiyaa humdaa argamsisuuf deemsa jiru kan boodatti harkisuu ta’u ibsii ministriin dantaa alaa Amerikaa baase hubachisee jira.