Jilli Addaa Yunaayitid Isteetis Maayik Hamer Itiyoophiyaa Jiru 

Your browser doesn’t support HTML5

Jilli Addaa Yunaayitid Isteetis Maayik Hamer Itiyoophiyaa Jiru

Ergamaan addaa Yunaayitid Isteetis kan Gaanfa Afrikaa Maayik Hamer gara Ityoophiyaatti deebi’anii jiru. Lolli humnoota federaalaa fi finciltoota Tigraay gidduutti deebi’ee eegalamee guyyoota dhukaasa dhaabiinsa baatilee dhaaf ture cabse.

Humnoonni Eertiraa waraansicha haaromfametti deebi’anii seenuu isaanii fi naannoo daangaa Sudaanitti lolli gaggeeffamaa akka jiru gabaasamuun, abdii marii nagaaf jiru dhaamsee, lolichi daran babal’ata, sodaa jedhu uumee jira.