ABUT Dhukaasa Dhaabiinsa Haal Duree Qabu Dhiyeessee Jira

  • VOA

FAAYILII- Loltoota ABUT, Magaala Hawzeen, Caamsaa 7, 2021

Wal waraansa Itiyoophiyaa gama kaabaa keessatti gaggeeffamu kan ilaaleen riphxee looltoonni Tigraay yaada dhukaasa dhaabiinsa haal duree irratti hirkate dhiyeessuu isaanii dubbii himaa kan ta’an Geetaachoo Raddaa har’a ibsanii jiru.XalayaaRoobii dabree barreffamee barreessaa duree Tokkummaa Mootummootaa Antoniyoo Gatarreesitti ergame Kanaan, hogganaan TPLF Dr Dabra Tsiyoon Gabra Masqal wal waraansii gama hundaan hammaatee yeroo jiru kanatti, dhukaas dhaabinsii haal duree qabu akka hojii irra oolu gaafatan.

Xalayaa garagalchiin isaa dhaabata oduu Ajaans Fraans Preesi argee fi Obbo Geetaachoo Raddaa mirkaneessan kun akka jedhutti, Dr. Dabra tsiyoonkan gaafatan, dhukaasii dhaabinsii tolfamu gargaarsii dhala dhorkaa tokko malee Tigraay akka seenu akkasumas tajaajilli barbaachisaa ta’an Tigraay keessatti deebi’ee banamuu dabalatee haala duree 4 qabaata.

Kutaaleen Itiyoophiyaa gama kaabaa irra hedduun hanqiina nyaataa hamaan rakkataa kan jiru yoo ta’u, eleektrikaa qunnamtii fi Baankii dabalatee dabalatee tajaajila bu’uuraa hin qaban.Dhukaasa dhaabinsii tolfamee ture, kokolaataan gargaarsa fe’ani erga baatii Muddee as yeroo duraaf Tigraay akka seenan kan dandeesisee ta’uus, garu Robii dabree gabaasnii Tokkummaan Mootummootaa baasee akka jedhutti sababaa wal waraansii haaraan jalqabameef jecha, gama balaliinis ta’e ka biroon hojiin gargaarsa Tigraay geessuu dhaabatee jira jedhe.Kana malees bulchiinsa nananoo Amaaraatti gargaarsa geessuun hin dandaa’amnee jedha.

Maddeen Diploomaatotaa fi kan biyyoota alaa dhaabta oduu kamiisa kaleessaa AFPf akka ibsanti,

Tigraay kaabaa keessatti wal waraansii kan hammaatee yoo ta’u, humnootiin mootummaa deggeranii fi looltonni Ertraa kanneen waraans Itiyoophiyaa tumsan maadheelee riphxee looltoota TPLF irratti qiyyaafatanii jiru.