Poopi Fraansis Hoogganoota Waldoota Amantaa Raashiyaa fi Kanneen Biroof Waamicha Dabarsan  

  • VOA

FAAYILII - Poopi Fraansiis sirna kadhannaa Kazakistaan keessatti godhan, Fulbaana 14, 2022

Hogganaan waldaa kaatolikii adduunyaa Poopi Fraansiis ammantaan waan Cubbuu ta’e akka hin mirkaneesinee fi namoonii dheebuu angoodhaaf qaban keessa waaqayyoon galchuu akka hin qabnee Roobii har’aa ergaa hoggantootaa waldaa Ortodoksii Raashaa fi hoggantootaa amantaa birootiif dabarsan keessatti himanii jiru.

Poop Fraansisi biyyaa kanan duraa tokkomaa Sooviiyet jala turte Kaazaakistaan keessatti walgahii hoggantoonii amantaa itti hirmaatan irratti haasaa taasisaniin bakka bu’oonni ammantaa wal waraansaa balaleefachuu irratii akka tokkumaadaan dhaabbatan gaafachuun isaanii gabaasamee jira.

Walgahii imaamonni, paatiriyaarkonnii, raaboyii fi muftiiwaan 80 ta’an itti hirmaatan kana irratii poop Firaansissi haasa taasisan keessatti, “badiinsaa lubbuu mirkaneessaa akkamitti nu amaantoota ofiin jechuu dandeenyaa?” jedhanii gaafatanii waaqqayyo harka namoottan dheebuu aangoo qaban keessaa akka hin seennee gochuu qabna jechuun isaanii beekameeraa.

Poop Fraansiis haasaa isaanii keessaatti maqaa Raashaa fi Yuukreen hin dhoofne jedhameeraa. Cinaa walagahii kanaatti presidaantiin biyya Kazaakisataan Kaasyim Joomart Tokayer walgaahii Musilimoonni , kiristaanonni, Juushiif hordooftoonni ammantaa biroo irratii hirmaatan yemuu banan ‘’ adduunya irratti akka nagana bu’u dhiibbaa taasisuudhaaf dhaabbileen amantaa akka wajjin dhaabachuu qaban gaafachuun isaanii ibsameeraa.

Poop Fraansiis warren walgahii sana irratti hirmaatan hunduu waldhabiinsaa addunyaa irraa jiru karaa nagaatiif maariitin malee karaa wal waraansaatiin akka hiikuu hin qabnee dhiibbaa gochuu irratti akka of kennan waamichaa dhiheessun isaanii gabaasameera.