Lolaan Roobaa Lammiiwan Paakistaan Gara Kuma Tokkoo fi Walakkaa Galaafate

  • VOA

Maatii galoo rooba guddaatin manni jalaa midhamee fi siree irra ala ta'anii jira, Paakistan, Hagayya 25, 2022

Rooba cimaa paakistaaniin muudateen balaan lolaa bishanii qaqqabe amma wixata dheengaddaatti lubbuu namootaa kuma 1481 kan galafatee yemuu ta’uu namonii 54 biroo rakkin roobaan walqabateen du’uun isaanii beekameera.

Balaan lolaa kun amma amaatii lammiilee biyyatti miiliyoonii 33 ta’an miidhee jira. Akka haanga’oonii fayya biyyatti ibsaa jiranti dhukuba dangii dabalatee dhukuboonii lolaa bishaaniitiin walqabaten namoottan kumaatam,an laakaawaman kan dhukubsatan yoo ta’u, roobnii itti fufee jiru namoottan qe’ee isaanii irraa buqqa’an akka garaa qe’ee isaaniitti dafanii hin deebine taasisuu danda’a jechuudhaan haanga’onni biyyatti akka sodaa qaban gabaasamee jira.