Omishi hashiishii aanaalee godinaa Arsii Lixaa keessatti dhoksaan oomishama jiru dargaggoota hedduu gara araada fi yakka hojjechuutti harkisaa ka jiru tahuu waajjirri Hojjetaa fi dhimma hawaasummaa godinichaa beeksisee jira.
Kan Arsii Lixaatti waldaa miti-mootummaa dargaggoota gargaaru hundeessuun geggeessaa jiran Obbo Teklee Beqqelee haalli kun yaaddessaa waan ta’eef mootummaa fi qaamni dhimmi ilaallatu tarkaanfii furmaataa fudhachuu qaba, jedhu.
Waajjirri Qonnaa Godina Arsii Lixaa fi Waajjirri Poolisii Godinichaa omisha baala sammuu darreessu Arsii Lixaa keessa jira jedhan kana to’achuuf akka hojjetaa jiran dubbatu.