Reeffi Mootitti Eelizaabeex Lammaffa  London Boqotee Jira 

  • VOA

BRITAIN-ROYALS/QUEEN

Sirnii geggeesaa dhumaa mootitti Biriiteen Eelizaabeex Lammafaa bakka reenfii isaanii kaa’ame jiru galma Weestminstir isa magaalaa London keessatti argamutti taasifamaa jira. Sirna guyoottan Afuriif galmichaa keessaa turu kana irratti namootaa kuma dhibbatti lakkawaman geeggesaadhaaf akka argaman ibsameera.

Wagga torbaatamaaf mootitti Birteen ta’uudhaan kan bulchaa turaan Eelzaabeex Lammfaan umurii isaanii wagga 96 ti Fulbaana 8 bara 2022 boqochuun isaan ni beekama. Sirnii awwaalchaa isaan wixataa dhufu Fulbaanaa 19 bara 2022 kan raawwatu yemmuu ta’u Prezidaantii yunaayitid Isteets dabalatee hoggantoonni fi bakka bu’onni biyyoottan adda addaa irratti ni hirmaatuu jedhamee eegama.