Maatiin Taphattuu Kubbaa Kichoo Raashyaa Keessatti Hidhamtee Baayiden Waliin Wal Arguuf Jiru

  • VOA

FAAYILII - Atileet Britnii Graayner

Pirezidaanti Joo Baayidan Jimaata har’aa maatii taphattuu kubbaa kichoo beekamtuu kan Britnii Graayner fi hoji gaggeessaa dhaabbilee nageenya Michigan Pool Whelan waliin Waayit Haawusitti wal arguuf karoorfataniiru, isaan lamaan ammallee Raashiyaa keessatti hidhamaniiru.

Walgahiin kun Baayidinii fi maatii gidduutti qaamaan wal arguuf kan jalqabaa yoo ta’u, bulchiinsi kun lammiileen Ameerikaa lamaan akka gad hiifaman gochuuf carraaqqii itti fufiinsa qabu garuu hanga ammaatti hin milkoofne geggeessaa ennaa jirutti ta’uun ibsameera.

Bulchiinsi kun baatii Adoolessaa keessa akka jedhetti gara biyyaatti akka galan ''yaada guddaa'' dhiheessee jira, garuu Raashiyaan hanga ammaatti Yunaayitid Isteetis waliin walii hin galin jirti.