Tuti Raawwii Hojii Ka Ministaroota Itiyoophiyaa Naannoolee Affaar fi Amaaraa Keessatti Bara Dabre Namoonni  2,831 Ajjeesaman Jedhe  

Your browser doesn’t support HTML5

Tuti Raawwii Hojii Ka Ministaroota Itiyoophiyaa Naannoolee Affaar fi Amaaraa Keessatti Bara Dabre Namoonni  2,831 Ajjeesaman Jedhe 

Naannolee Affaariifi Amaaraa, bakka Addi Bilisummaa Uummata Tigraay yokaan TPLF bara darbe seene keessatti Namootni 2, 831 murtii malee ajjeesamaniiru jechuun Tuutni Raawwii Hojii Ministirootaa Itoophiyaa beeksise. Ajjeechaan kun garri caalu, humnoota TPLF’n geggeessamuu fi muraasni ammoo Gurmuu Riphxe loltootaa Mootummaan “Shanee” jedhee waamu, kan Waraana Bilisummaa Oromoo ofii jedhuun raawwatamuu mirkanaa'eera, jedha – ibsi Tuta Ministaroota Mootummaa kun.

Dabalataanis, “dubartootni Kuma lamaafi 200 ol humnoota TPLF'n gudeedaman” jechuun tuuti kun ibsee, sababaa nageenyaa wajjin wal qabateen, sarbama mirgoota namummaa naannoo Tigraay keessatti raawwatame qorachuu hin dandeenye, jedhe.

Waajjiraaleen Komishinii Mirgoota Namummaa Itoophiyaafi Komishinii Olaanaa Mirga Namummaa Jaarmayaa Mootummoota Gamtoomaniirraa yaada ka'een tuutni gurmaa'e kun, qabeenyarratti hubaatiin guddaa qaqqabuufi saamichillee raawwatamuu beeksiseera. Gama biraan, Aministii Intarnaashinaal Ibsa isaa baatii Gurraandhalaa baaseen, gochootni namummaa ala tahan hedduu Naannoo Amaaraa, Cigaafi Qobboo keessatti raawwatamuu ibsee turuun isaa ni yaadatama.

Haa ta'u malee, TPLF gabaasa gama lamaaniiyyuu hin fudhanne.

Gama kaaniin ammoo, gabaasa gareen ogeessotaa mirgoota namummaa Jaarmayaa Mootummoota Gamtoomanii torban kana keessa wiixata baase gara caalu akka fudhatu TPLF beeksiseera. Mootummaan Itoophiyaa garuu gabaasa kana akka hin fudhanne beeksisuun, Tuuti Raawwii Hojii Ministeerotaa Itoophiyaas, ibsa kaleessa kenneen, gabaasichi Ajandaa Siyaasaa kan of keessaa qabu jechuun beeksiseera.