Naannoo Benishaangul Gumuz keessatti sababaa dhabamuu nageenyaan mancaatii waggoottan lamaan darban dhaqqaban bayyaannachuufi hojii deebisanii dhaabuuf kan oolu Qarshii biliyoona 38 caalu ka barbaachisu tahuu mootummaan Naannichaa beeksisee jira. Hoogganaan waajjira Hooggansa Sodaa Balaa Naannichaa obbo Taarraqany Taasisaa,Sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin hojiin deebisanii ijaarsaa waggoota lamaa hamma shanii fudhata, jedhan. Gama biraan, paartiin mormii siyaasaa naannoo Benishaangul Gumuz keessa socho’u ka Paartii Diimookiraatawaa Booroo jedhamu, “xiyyeeffannoon bakkawwan rakkoo nageenyaan miidhamniif kenname gadi aanaadha” jedhu.
Naannoo Benishaangul Gumuz Keessatti Rakkoo Nageenyaan Kan Manca’an Deebisanii Ijaaruuf Qarshii Biliyoona 28 Caalaa Akka Barbaachisu Himame
Your browser doesn’t support HTML5