Naannoo Yukireen Raashiyaan To’atte Keessatti Referendemii Geggeessuuf Sagalee Kennuun Jalqabame

  • VOA

FAAYILII - Yukireen naannoo Raashiyaan qabatte keessatti amoonnii saqaglee kennaa jiran, Fulbaana 23, 2022

Kan Raashiyaan qopheessite refarandamiin namoonni qaama Raashiyaa ta’uu barbaadan gaafatu naannolee Yukireen to’atte jitu keessaa jalqabee jira.

Sagaleen kennamu kun Jimaata har’aa naannolee Luhansk, Kherson fi kan gar-tokkoon Raashiyaan to’attu Zaporizhzhia fi Donetsk keessatti eegale jira.

Sagalee kennuu kun, Raashiyaan naannolee kana ofitti makamuuf karaa ittiin sababa ta’uu danda’u bal’inaan kan ilaalamu yoo ta’u, biyyoota gama dhihaatiin bal’inaan balaaleffatamaa tureera.

Dhaabbanni Nageenyaa fi Tumsa Awurooppaa rifarandamii gaggeeffamaa jiru seeraan ala ta’uu ibseera.

Filannoo ykn rifarandawaan naannoo Yukireen irratti gaggeeffamu kamiyyuu seera biyyoolessaa fi ulaagaalee sadarkaa addunyaa eeguun qaamolee seera qabeessa ta’aniin qofa labsuu fi gaggeeffamuu danda’a,” jechuun Dhaabbanni Nageenyaa fi Tumsa Awurooppaa ibsa baaseen ibseera. Kanaaf referendamiin karoorfame seeraan ala ta’a.

Sagaleen Jimaata har’aa kennamu pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Yukireen keessatti “hojii waraanaa addaa” taasisaniif loltoota dabalataa kuma 300 bobbaasuuf akka yaadan beeksisuu isaanii hordofee ti.