Abbootiin Kalaqaa Hojii Isaanii Jabeessanii Itti Fufuuf Deggersa Isaan Barbaachisu

  • Tuujubee Horaa

Your browser doesn’t support HTML5

Abbootiin Kalaqaa Hojii Isaanii Jabeessanii Itti Fufuuf Deggersa Isaan Barbaachisu

Dargaggoo Daani’el Dessaaleny Jogoraa keessummaa keenya har’aa ti. Barnoota Auto elektrikal and elektoniks ka barate yoo ta’u yeroo ammaa hojii kalaqaa irratti bobba’ee hojjeta. Abbaan taayitaa saayinsii fi teeknooloojii Oromiyaa immoo abbootii kalaqaa kana deggeraa jiraachuu angawaan waajjirichaa nuuf ibsanii jiru.

Namoota kalaqa kana uuman hedduun isaanii kalaqa isaanii itti fufanii hojjechuuf maallaqi waan isaanitti hanqatuuf kanneen dhaabuuf dirqaman jiru. Rakkoo akkasii furuuf Abbaan taayitaa saayinsii fi teeknooloojii Oromiyaa namoota akkasii jajjabeessaa jiraachuu odeeffannee jirra. Kana ilaalchisuu dhaan Obbo Bilisummaa Keffaaloo Gennetii Abbaa taayitaa saayinsii fi teeknooloojii Oromiyaa-tti ogeessa eegumsa qabeenya kalaqa sammuu, abbootii kalaqaa kana akka isaan caasaa uummatanii walis arganii abbootiin qabeenyaas isaan deggeran gochuuf hojjetaa jirra jedhan.