Libiyaa Keessatti Milishonni Wal Waraanaa Jiru 

  • VOA

FAAYILII - Walitti bu'iinsa magaala Tripoolii keessa turen bakka miidhame, Hagayya 28, 2022.

Dhuma torban dabree irra Libiyaa gama dhiyaa keessatti milishoota giddutti wal waraansii gaggeeffame, inta dubraa umriin waggaa 10 dabalatee yoo xiqqaate namoota shan galaafatee jira.

Wal waraansi kun wiixata har’as kan itti fufee ta’u angawoonni ibsanii jiran. Kan waggoota kurna darbaniif jeeqamsa keessa jirtu Libiyaan, inni ammaa kun hokkara dhiyeenyatti gaggeeffamee fi biyyatti raasaa jiru ta’uun ibsamee jira.

Wal waraansii kun Dilbata kaleessaa milishoota wal morman giddutti magaala gama dhiyaa kan taate Zawiyaa keessatti yoo ta’u, gandeenii fi magaalaalee kanneen biroo kanneen zayiita boba’an badhaadhoo ta’n irratti dhiibbaa gochuuf gaggeeffama.

Angawoonni fayyaa akka jedhanti, siviloonni ykn namoonni nagaa kanneen biroon 13 wal waraansa har’as itti fufufee jiru Kanaan mada’anii jiru.

Wal waraansii kun sa’atilee hedduuf maatii naannoo sana jiraatan addaan kutee kan ture ta’u, dubbii himaan tajaajilawwan hatattamaa kan ta’an Maaleek Merset ibsanii jiru.Amma iyyu siviloota gamasii baasuuf yaalamaa akka jiru ibsan.